Ameerikaan walitti bu’iinsa Israa’elii fi Iraan gidduu seente taanan balaa olaanaan uumamuu danda’a – Ayaatoolaahii Alii Hamiinii
Finfinnee Waxabajjii 11, 2017 (FMC) –Walitti bu’iinsa Israa’elii fi Iraan gidduutti gaggeeffamu keessatti Ameerikaan hirmaannaa waraanaa taasiifte taanan balaa olaanaan uumamuu danda’a jedhan Hogganaan Iraan Ayaatoolaahii Alii Hamiiniin.
Pireezdaantiin Ameerikaa Iraan saffisaan akka harka laattu yaadachiisuu hordofee Hogganaan biyyattii Ayaatoolaahii Aliin Hamiiniin Iraan salphaatti harka kan laattu akka hin taane yaadachiisan .
Walitti bu’iinsa Israa’elii fi Iraan guyyaa 6ffaa qabateen misaa’eelonni baalaastikaa 400 gara Israa’eelitti dhukaafamuun bu’uuraalee misoomaa magaaloota Teel Aaviivi fi Haayifitti argamanirra miidhaan qaqqabeera.
Israa’el gama isheen haleellaa qilleensarraa fudhatteen buufata Niwuukilaaraa Iraan dabalatee dhaabbilee murteessoo biyyatti barbaadessuu itti fufteerti.
Walitti bu’iinsi biyyoota lameenii jiraattoota Teehraaniifi Teel Aaviivitti sodaa olaanaa uumeera.
Abeel Niwaayitu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.