Fana: At a Speed of Life!

Aniimeeshinii 2D fi 3D hojii fiilmiif bal’inaan fayyadamuun murteessaadha

Finfinnee, Caamsaa 22, 2017(FMC) – Sadarkaa filmiin addunyaa irra gahe aniimeeshinii 2Dfi 3D babal’isuun adeemsa hojiimaata fiilmii ammayyaa cimsuun barbaachisaadha jedhe Ministeerri Aadaafi Ispoortii.

Sagantaan piroojektii leenjii “Immaajiingi Aniimeeshin Miidiyaa” kan gaggeeffame yoo ta’u, Waliigalteen piroojekticha jalqabsiisuuf dandaassisu Ministeera Aadaafi Ispoortii fi Giddugala Kuul Joon C. Roobiinsan gidduutti mallattaa’eera.

Ministir Deetaan Ministeera Aadaafi Ispoortii saganticharratti akka jedhanitti, leenjichi saayinsii, teeknooloojii, aniimeeshinii, roobootiksii, hubannoo namtolchee, sinimaatoogiraafii, aartii diijitaalaafi piroodaakshinii fiilmiifi miidiyaa hammata.

Hirmaattonni leenjichaas seenaafi aadaa Itiyoophiyaa kalaqaan dabaaluun ibsuu akka danda’aniif dandeettii isaanii kan guddisudha.

Sadarkaa fiilmiin addunyaa irra gahe aniimeeshinii 2Dfi 3D babal’isuun adeemsa hojiimaata fiilmii ammayyaa cimsuun akka barbaachisu hubachiisaniiru.

Leenjichi ogeessa fiilmii Ameerikaan waggoota sadiif qoqqoodamee kan kennamu ta’uu kaasanii, ogeeyyii ogummaa diijitaalaa olaanaa qaban horachuu dandeessisa jedhan.

Embaasiin Ameerikaa Itiyoophiyaatti argamuufi Yuuniivarsiitiin Qiddist Maariyaam piroojektichaaf deeggarsa taasisaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.