Anniisaan Niwukilaraa imala hundagaleessa Badhaadhinaa kan deeggaruudha- Dooktar Biqilaa Hurrisaa
Finfinnee, Onkololeessa 21, 2018 (FMC)- Anniisaan Niwukilaraa imala hundagaleessa badhaadhina Itiyoophiyaa kan deeggaruudha jedhan Hogganaan Damee Hariiroo Uummataa fi Idil Addunyaa Paartii Badhaadhinaa Dooktar Biqilaa Hurrisaan.
Dooktar Biqilaan Faanaa Miidiyaa Korporeeshiniif akka ibsanitti, Anniisaan Niwukilaraa sochiilee Fayyaa, Qonnaa fi Indaastirii saffisiisuuf dandeettii kan uumuudha.
Itiyoophiyaan Anniisaa Niwukilaraa kan fayyadamtu sochii misoomaaf ta’uu eeruun, badhaadhina caalmaatti mul’isuuf kan fayyadamtu ta’uu eeraniiru.
Fedhii guddina diinagdee sababa hanqina anniisaan mudatu milkeessuuf anniisaan niwukilaraa mootora misoomaa dabalataa ta’uu himaniiru.
Itiyoophiyaan dandeettii anniisaa ijaaruuf niwukilaraa akka filannootti fudhachuu kan eeran Dooktar Biqilaan, qabeenya biyyaatiin qabdutti fayyadamuun guddachuu fi jijjiiramuu kaayyeeffachuun kan eegalame ta’uu dubbataniiru.
Sagantaan Niwukilaraa Itiyoophiyaanoonni hiyyummarraa bahuun badhaadhinni hundagaleessaa akka mirkaana’uuf agarsiisftuu ta’uu kaasaniiru.
Itiyoophiyaan fillannoowwan anniisaatti bal’inaan fayyadamuun guddina ishee saffisiisuuf hojjechaa jirtis jedhan.
Wandimmaaganyi Tsaggaayyeetiin.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo Tiwiitara
https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
 
			 
				