Fana: At a Speed of Life!

Appilikeeshinii adeemsa sakatta’iinsa lakkooftuurratti iftoominaa fi itti gaafatamummaa uumu

Finfinnee, Fulbaana 30, 2018(FMC) – Tajaajilli Elektirikii Itiyoophiyaa Appilikeeshinii adeemsa sakatta’iinsa lakkooftuurratti iftoominaa fi itti gaafatamummaa uumuu danda’u Onkololeessa 1, 2018 hojiirran oolcha jedhe.

Appilikeeshiniin kun rakkoolee mancaatii Inarjii fi kaffaltiin walqabatan hir’isuuf qooda olaanaa qabaachuu Hojii Raawwachiisaan Kominikeeshinii tajaajilichaa obbo Annuwaar Abraar Faanaa Diijitaalitti himaniiru.

Wayita sakattoo lakkooftuu iftoominaa fi itti gaafatamummaa mirkaneessuun ragaalee qorannoo lakkooftuu elektirikaa bifa ammaayyaa ta’een siistamaatti kan galmeessuudha jedhan.

Appilikeeshinicha haala salphaan bilbilarratti fe’achuun ragaalee qorannoo lakkooftuu galmeessuun kan danda’amu ta’uu eeraniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.