Fana: At a Speed of Life!

Arsenaal Biraayitaniin injifate

Finfinnee, Mudde 18, 2018 (FMC) – Tapha Piriimer Liigii Ingiliz 18ffaan Arsenaal Biraayitaniin goolii 2 fi 1 injifateera.

Arsenaal goolii Maartiin Oodeegaard fi Ruutar ofirratti galcheen Biraayitaniin goolii 2fi 1 injifateera.

Deegoo Goomeez ammoo Biraayitaniif goolii injifatamuurraa isa hin oolchine 1 galcheera.

Taphoota biroon Liivarpuul Woolvisiin goolii, 2 fi 1, Bireentifoord Boornimaawuziin goolii 4 fi 1, Fuulhaam Weestihaamiin goolii 1 fi 0 yoo injifatan Barniileey fi Eevartan goolii malee qixa bahaniiru.

Taphni Cheelsiifi Astonvilaan galgala kana sa’aatii 2:30 irraa eegalee taphatan ni eegama.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.