Ashaaraa magariisa Walabummaa biyyaa mirkaneessu
Finfinnee, Waxabajjii 21, 2017 (FMC) – Sagantaan Ashaaraa Magariisaa wabii fi walabummaa nyaataa mirkaneessuun walabummaa biyyaa mirkaneessa jedhe Ministeerri Qonnaa.
Hoji-raawwachiisaa Dursaan Eegumsaa fi Ittifayyadama Qabeenya Uumamaa Ministeera Qonnaa Faanosee Makonnin Faanaa Miidiyaa Korpooreshinitti akka himanitti, sagantaa Ashaaraa Magariisaa marsaa 7ffaaf bona irraa eegalee qophaa’amaa ture.
Kanaanis biqiltuuwwan biliyoonni 7.5 kan qophaa’an yoo ta’u, bakka dhaabbis adda ba’uun qophaa’eera.
Biqiloota bara kana dhaabaman keessaa % 40 kan bosonaa yoo ta’an, % 60’n ammoo nyaataaf kan oolanii dha.
Sagantaan kun hariiroon biyyoota ollaa waliin jiru akka guddatuu fi dinagdeen magariisaa akka ijaaramuuf gargaaruus dubbataniiru.
Sagantaan dhaabbii guyyaa tokkoo Ashaaraa magariisaa bara kanaa baatii tokko booda akka eegalamu kan dubbatan obbo Faanoseen, hawaasni qooda isaa akka ba’us gaafataniiru.
Sagantaan Ashaaraa Magariisaa bara kana mata duree “Dhaabuun Bayyaannachuu” jedhuun geggeeffamu Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad bakka argamanitti guyyaa kaleessaa eegalchiifameera.
Almaaz Makonnintu gabaase.