Ashandaa, Ashandiyyee, Shaadayi fi Soolal ayyaanota tokkummaan baatii gannaa Shamarraniin kabajamaniidha –Aadde Adaanech Abeebee
Finfinnee, Hagayya 17, 2017 (FMC) – Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen baga Ayyaanoota Ashandaa, Ashandiyyee, Shaadayi fi Soolal geessan jedhan.
Ashandaa, Ashandiyyee, Shaadayi fi Soolal ayyaanota tokkummaan baatii gannaa shamarraniin kabajaman ta’uu himan.
Shamarran uffannaa aadaa adda addaatiin miidhaganii bilisummaan addabaabaayiitti bahanii aadaa fi walooma isaanii yeroo mul’isan ilaaluun baay’ee nama gammachiisa jedhan.
Ayyaanoonni kunneen fuuldurattis daran duudhaalee isaanii eeggatanii akka kabajamaniif eeguu fi kunuunsuu barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.