Fana: At a Speed of Life!

Atileet Tigisti Asaffaa fi Yoomiif Qajeelchaan Atileetii cimoo waggaa ta’uuf kaadhimaman

Finfinnee, Onkololeessa 17, 2018 (FMC) – Atileet Tigisti Asaffaa fi Yoomiif Qajeelchaan Atileetii cimoo daandiirraa waggaa ta’uuf kaadhimaman.
Atileetoonni kunneen dorgommiiwwan daandirraa bara kana irratti hirmaataniin qabxiin galmeessan kaadhimamtoota keessatti akka hammataman isaan taasisuu Atileetiksiin addunyaa ragaa har’a baaseen himeera.
Atileet Tigisti Asaffaa, Siifan Hasan, Maariyaa Peereez, Angaas Nigeetiich fi Peerees Jeepichiirchiir Atileetoota dubartootaa kaadhimamaniidha.
Dhiiran ammoo Atileet Yoomiif Qajeelchaa, Kaayyoo Boonfiim, Ivaan Duunfii, Alfooonis Siimbuu fi Sabaastiyaan Saawween Atileetoota cimoo waggaa Daandirraa ta’uuf kaadhimamtoota keessatti hammatamuu Atileetiksiin Addunyaa ifoomseera.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.