Fana: At a Speed of Life!

Ayyaana cuuphaa irratti balaan elektirikaa akka hin uumamneef eeggannoon fudhatamuu qaba – Tajaajilicha

Finfinnee, Amajii 8, 2018(FMC) – Tajaajilli Elektirikii Itiyoophiyaa kabaja ayyaana cuupphaan walqabatee balaan elektirikaa akka hin uumamneef of eeggannoon barbaachisu fudhatamuu akka qabu hubachiise.

Ayyaanichaaf iddoo miidhagsuuf hojii hojjetamu keessatti balaan elektirikaa akka hin uumamneef of eeggannoo guddaa barbaachisa.

Ayyaanni cuuphaa hordoftoonni amantaa Ortodoksii fi daawwattoonni hedduun itti hirmaatan haala ho’aan kabajuuf hojiin addabaabaayii fi daandilee miidhagsuu akka raawwatamu tajaajilichi eereera.

Galteewwan miidhaginaaf fayyadan keessaa utubaawwan elektirikaa akka jiran ibsee, hojiiwwan miidhaginaa kunniin utubaawwan elektirikii, tiraansifoormerootaa fi saraoota rlektirikii irraa fageenya ga’aa qabaachuu akka qaban hubachiiseera.

Hawaasnis balaan akka hin uumamneef tumsuu akka qabu tajaajilichi gaafateera.

Yoo balaan uumame ykn odeeffannoo biraaf karaa lakkoofsa 905/904 bilbiluun beeksisuu akka qabu ibseera.

Ayyanicha irratti humni akka hin ciccitnee fi tajaajila elektirikaa amansiisaa ta’e dhiyeessuuf qophii xumuruu isaa Tajaajilichi Faanaa Dijiitaalitti himeera.

Malaakuu Daggiftu gabaase

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.