Fana: At a Speed of Life!

Ayyaana Qillee sababeeffachuun ciccituun Humna Elektirikaa akka hin muudanne qophii gahaan taasifame – Tajaajilicha

Finfinnee, Mudde 27, 2018 (FMC) – Wayita Ayyaana qillee ciccituun Humna Elektirikaa akka hin muudanne qophii gahaan taasifame jedhe Tajaajilli Elektirikii Itiyoophiyaa.

Tajaajilichi ayyaana Qillee fi Cuuphaa sababeeffachuun hojiilee qophii duraa hojjetaa ture ilaalchisee ibsa kenneera.

Wayita Ayyaana Qillee fi Cuuphaa fedhii humna olaanaa jiru bu’uura taasisuun humni elektirikaa akka adda hin ciccinne qophiin taasifamuu dhaabbatichatti Daayrekterri Oppireeshinii misooma Bu’uuraa fi Eksalansii Farad Abduusalaam dubbataniiru.

Wayita rakkoon muudate deebii hatattamaa laachuuf qophiin godhameera jedhan.

Guutuu biyyattiitti teeknooloojii ammaayyaan deeggaramuun sararoota humnaa giddugaleessaa fi olaanaaf hojiin sakattoo fi suphaa dursee gaggeeffamuu dubbatan obbo Farad.

Dabalataan hojiin humna Tiraanisfarootaa guddisuu fi suphuus raawwatamuu kaasan.

Tibba ayyaanaa hawaasni huma olaanaa waan fayyadamaniif rakkoo muudachuu maluuf hatattamaan deebii kennuuf Gareen Oppireeshinii qophaa’uu eeruu ENA’n gabaaseera.

Hawaasni karaa lakkoofsa bilbilaa bilisaa 905 tajaajilichaaf eeruu kennuu kan danda’an ta’uu dubbatan.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.