Fana: At a Speed of Life!

Ayyaanicha Jaalala, araara, walii yaaduu fi tokkummaa cimsachuun kabajachuu qabna – Luba Oftaanaa Badhaasaa

Finfinnee, Mudde 28, 2018 (FMC) – Ayyaanni dhalachuu Iyyesuus Kiristoos jaalala, araara Waaqni dhala namaaf qabu kan bu’uureffate waan ta’eef jaalala, araara tokkummaa fi walii yaaduun kabajamuu kan qabuudha.

Mana Amantaa Kiristaanaa Ortodoksii Waloomaa Itiyoophiyaa, Biyya Lallabaa Shaggaritti, Ittigaafatamaan kutaa Seeraa Lubni Oftaanaa Badhaasaa poodkaastii Afaan Oromoo Faanaa Miidiyaa Korpooreshinitti akka himanitti, Seenaan dhaloota Iyyesuus Kiristoos jaalalaa fi araara Waaqayyoo dhala namaaf qabu kan bu’uureffate akka ta’e Kitaaba Qulqulluu keessatti barreeffameera.

Nama jalqaba kan ta’e Addaam ajaja Waaqayyoo waan cabseef Jennataa akka ba’uu fi du’i itti murtaa’e akka dhiifamuufiif Waaqayyoo Abbaa kadhateera.

Ilmaan Addaam kan ta’an Raajonnis araarri Waaqayyoo kun akka dhufuuf baroota keessatti kadhataa turaniiru.

Kunis Kitaaba Qulqulluu keessatti Galaatiyaa 4:4 irratti, “Yeroon yemmuu ga’utti Waaqayyo Ilma isaa gara birra lafaatti erge ” kan jedhuu fi bakka adda addaatti kan barreeffamaniin kan dhugoomuudha.

Akka ibsa barsiisaa amantichaa Luba Oftaanaa Badhaasaatti dhaloonni Gooftaa Iyyesuus taateewwan adda addaa kan kessummeesse bu’uura fayyina dhala namaa ti.

Keessumaa ofii isaa Waaqa ta’ee utuu jiruu foon uffatee Maariyaam dubarraan dhufee dallaa horii keessatti dhalachuun isaa Afaan Raajicha Isaayaasiin Isa. 7.7 irratti kan dubbatame dhugoomsuun alatti, mallattoo gadi of deebisuun namaaf yaaduu ti.

Kanaafis hordoftoonni amantichaa Ayyaanicha waan barame qofaaf kabajuu osoo hintaane bu’uura amanticha bifa hordofeen ta’uu qaba.

Guyyaan dhaloota guyyaa misiraachoo, guyyaa fayyisaan ilma namaaf itti dhalate, guyyaa ilmaan namaa ergamoota Waaqayyoo wajjin dhalachuun isaaf tokkummaan hooqubaa Waagayyoof itti galchaniidha.

Ayyaanichi kennaan Waaqarraa dhala namaaf kan itti kenname(Isa. 9:6) ayyaana guddaa,Addaam 2ffaan itti dhalatee dha,
“Mucaan nuuf dhalateera, ilmis nuuf kennameera; humni mootummaa isaa gatiittii isaa irra jira; maqaan isaa, “Gorsaa, dinqii, Waaqayyo-jabaa, abbaa bara baraa, angafa nagaa” injedhama’

Erga inni dhalatees warri Baha fagoo urjiin qajeelfamuun kennaa adda addaa geessuun kennuun isaanis ayyaanichi ayyaana kennaa ta’uu isaaf ragaa tokkoo dha.

Amantoonnis kana bu’uureffachuun kennaa adda addaan wal yaadachuun barbaachisaa dha.

Gadi of deebisanii kaan kabajuun, wal jaal’achuun, waliif dhisuufi walitti araaramuun seenaa dhaloota Iyyesuus Kiristoos irraa kan baratamuu qabuu dha.

Inni dhalachuu isaatin lollii fi gargar ba’uun namaa fi nama, namaa fi Waaqa gidduu ture hafee araarrii fi tokkummaan ilmaan namaa fi qulqulloota Waaqarraa gidduutti bu’eera.

karaa aadaa fi safuu hawaasaa eegeen nyaataa fi dhugaatiin kabajuun akkuma jirutti ta’ee, bu’ura barsiisa amantichaan kabajuu fi warra rakkatan yaadachuun barbaachisaa dha(Maat.25).

Ayyaana Gaarii!

Yoonaataan Biraanuutiin

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.