Fana: At a Speed of Life!

Ayyaanni Cuuphaa milkaa’inaan xumurame -Poolisii Federaalaa

Finfinnee, Amajjii 11, 2018 (FMC)- Ayyaanni cuuphaa Finfinnee dabalatee sadarkaa biyyaatti kabajame bakka hundatti milkaa’inaan akka xumurame Poolisiin Federaalaa Itiyoophiyaa beeksiseera.

Amantoota Mana Amantaa Ortodoksi Tawaahidoo Itiyoophiyaan sadarkaa biyyaatti miidhagina guddaan kan kabajame ayyaanni Kataraa fi Cuuphaa milkaa’inaan akka xumuramu poolisiin Federaalaa miseensota nageenyaa biroo waliin qindoomuun humna namaa bal’aa tekinooloojii ammayyaan deggerame bobbaasee hojii nageenyaa barbaachisu raawwateen itti gaafatama isaa ciminaan akka ba’es ibsameera.

Hoggantootaa fi miseensotaa poolisii ergama biyyaalessaa kennameef bu’uureffachuun nageenya uummataaf dursa kennani Kataraa irraa eegalee bakkeewwan adda addaatti eegumsa cimaa raawwachuun ayyaanichi milkaainaan akka xumuramu gumaachaniif Poolisiin Federaalaa Itiyoophiyaa galateeffateera.

Abbootii amantii, qindeessitoota ayyaanichaa, hordoftoota amantichaa fi dargaggoota qaamolee nageenyaa tumsanii fi deggeranis Poolisiin Federaalaa galata galchaa, ayyaanni “Qaanaa za Galiilaa” guyyaa boruu kabajamus akka milkaa’inaan xumuramuuf hawaasni akkaatama baratameen tumsa isaa akka itti fufu dhaameera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.