Fana: At a Speed of Life!

Ayyaanni Daamaraa Masqalaa qabeenya biyyaa fi miidhagina magaalaa Finfinneeti – Aadde Adaanech Abeebee

Finfinnee, Fulbaana 14, 2018 (FMC) – Kantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen kabaja ayyaanaa Daamaraa Masqalaa bara 2018 ilaalchisee dureewwan mana amantaa Kiristiyaanaa Ortodoksii waloomaa waliin mari’ataniiru.

Hojii Gaggeessaa Olaanaan Mana Lubummaa Waliigalaa Mana Amantaa Kiristiyaanaa Ortodoksii Waloomaa Itiyoophiyaa Eebbifamoo Abunee Saawiroos, Barreessaa olaanaa Qulqulluu Siinoodoosii Eebbifamoo Abunee Diiwoosqooroos, Hoggantoota bulchiinsa magaalichaa dabalatee Phaaphaasonnii fi koreen qopheessituu Ayyaana Daamaaraa Masqalaa maricharratti hirmaataniiru.

Magaalaa Finfinneetti Ayyaanni Daamaraa Masqalaa iddoolee kuma 2 fi 375 akka kabajamuu maricharratti ka’eera.

Ayyaanichi duudhaa fi barsiifata amantichaa eegee akka kabajamu hordoftoonni amantichaa qooda irraa eegamu akka bahatan gaafatan Kantibaa Adaanech Abeebeen.

Ayyaanni Daamaaraa Masqalaa qabeenya biyyaa, miidhagina magaalaa Finfinnee fi madda hawwata Tuuristootaa ta’uu isaa hordofee walummaa , Jaalalaa fi Tokkummaan akka kabajamuuf bulchiinsi magaalichaa deeggarsa barbaachisu taasisaa jira jedhan.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.