Ayyaanni Fannoo Mana Amantaa Kiristaanaa Kaatoolikii Itiyoophiyaatti kabajamaa jira
Finfinnee, Ebla 2, 2018(FMC) – Ayyaanni Fannoo Mana Amantaa Kiristaanaa Kaatoolikii Itiyoophiyaatti sagantaalee garaagaraan kabajamaa jira.
Ayyaanichi bakka Hangafni Phaaphaasii Mana Amantaa Kiristaanaa Kaatoolikii Itiyoophiyaa Qulqulluu Kaardinaal Birhaana Iyyasuus Suuraafeel, Abbootiin Amantaafi hordoftoonni amantichaa argamanitti Finfinnee Mana Amantaa Kiristaanaa Kaatoolikii Lidataa Maariyaamitti kabajamaa jira.
Kaardinaal Birhaana Iyyasuus Suuraafeel ergaa dabarsaniin, akkuma Iyyasuus Kiristoos dhifama godhe uummanni kiristaanaa dhiifama waliif godhuun guyyicha yaadachuu qabu jedhan.
Guyyaan Fannoo guyyaa guddaa hordoftoonni qalbii jijjiirrachuun gooftaa biraa araara argatanidha jechuunis ibsaniiru.
Qiddist Birhaanuutu gabaase.
#Oromia # Ethiopia