Fana: At a Speed of Life!

Ayyaanni Fannoo Mana Amantaa Kiristanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaatti kabajamaa jira

Finfinnee, Ebla 2, 2018( FMC)- Ayyaanni Fannoo Mana Amantaa Kiristanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaatti kabajamaa jira.

Kabaja ayyaanaa kanarratti kutaaleen Kitaaba Qulqulluu guyyicha yaadachiisan dubbifamaa kan jiran yoo ta’u, fannoon jaalalli, dhiifama gochuufi gadi of deebisuun qabatamaan kan itti mul’ate ta’uun eerameera.

Manni Amantaa kun guyyicha sagadaan, soomaafi kadhannaan kan yaadattu gatii Yesuus Kiristoos dhala namaa bilisa baasuuf kaffale yaadachuun ta’uunis eerameera.

Yesuus Kiristoos irraa kan barannu jaalala fi dhiifama gochuudha jedhan Abbootiin Amantaa Mana Amantichaa.

Guyyicha fakkeenya jaalalaa, waliif yaaduu fi waloomaa gochuun barbaachisaa akka ta’es hubachiisaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.