Ayyaanni Iid Al Faxir Addeessi har’a galgala yoo mul’atte Boru, yoo hin mul’anne ammoo Jimaata kabajama – Mana marichaa
Finfinnee, Bitootessa 9, 2018 (FMC) – Ayyaanni Iid Al Faxir Baatiin/Addeessi har’a galgala yoo mul’atte Boru, yoo hin mul’anne ammoo Jimaata kabajama jedhe Manni Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa.
Duudhaaleen waliif yaaduu wayita Ramadaanaa mul’ate cimee itti fufuu qaba jedhan Ittaanaan Pireezidaantii Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa Sheehi Abduulkariim Sheehi Badiriin kabaja ayyaanichaa ilaalchisee ibsa kennaniin.
Sheehi Abduulkariim Sheehi Badiriin, Hawaasni Musliimaa wayita Ayyaana Iid Al Faxir waggaa kuma 1 fi 447ffaa kabajan lammiilee rakkoo garaagaraaf saaxilaman gaaffachuu fi deeggaruun ta’uu akka qabu yaadachiisan.
Duudhaan waldeeggaruu fi waltumsuu Baatii Ramadaanaa keessa mula’ate cimee itti fufuu akka qabu gaafatan.
Ayyaanni Iid Al Faxir waggaa kuma 1 fi 447ffaan Baatiin/Addeessi har’a galgala yoo mul’atte Kamisa, yoo hin mul’anne ammoo Jimaata kabajama jedhan.
Geetaasaw Yeshiiwaastu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.