Fana: At a Speed of Life!

Ayyaanni Irreechaa ayyaana nagaa, araaraa, galateeffaannaa, tokkummaafi jaalala itti labsanidha- Obbo Saadaat Nashaa

Finfinnee, Fulbaana 19, 2018 (FMC) – Ayyaanni Irreechaa ayyaana nagaa, araaraa, galateeffaannaa, tokkummaafi jaalala itti labsanidha jedhan Sadarkaa Itti aanaa Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Qindeessaan Kilaastara Hawaasummaa obbo Saadaat Nashaan.

Ayyaana Irreechaa Bara 2018 sababeeffachuun agarsiisni fi Baazaariin “EXPO IRREECHAA” Magaalaa Finfinneetti banameera.

Obbo Saadaat Nashaa saganticharratti uummanni oromoo saba guddaa, aadaa, duudhaafi seenaa guddaa qabu ta’uu ibsuun, ayyaanni Irreechaa ayyaana nagaa, araara, galateeffaannaa, tokkummaafi jaalala itti labsan ta’uu himaniiru.

Saboonni biyya kanaa hundi irratti hirmaachuun hariiroo hawaasummaa cimsuun tokkummaan biyya ijaaruu akka qabaniif hojii bal’aan hojjetamaa turuu yaadachiisanii, Irreecha bara kanaa kan adda taasisu yeroo Hidha Haaromsaa Itiyoophiyaa xumuruun olka’insa biyyaa fi haaromsa aadaa keenyaa itti labsine ta’uudha jedhan.

Bara kanas Irreechi ol ka’ee olka’insa biyyaa akka ibsu, diinagdee akka sochoosu akkasumas kalaqa keenya akka agarsiifnuufi oomishalee keenya dhiyeessinee beeksisuun sona Irreechaa dabaluun murteessaadha jechuun ibsaniiru.

Hooggantuun Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa aadde Jamiilaa Sinbiruu gama isaaniin, uummanni Oromoo uummata qaroomina guddaa Addunyaaf gumaache ta’uu himuun, Irreechi ayyaana galateeffannaa, araaraa, tokkummaafi jaalalaa ta’uu ibsaniiru.

Irreechi nageenya hawaasa mirkaneessuu, jaalalaafi tokkummaa cimsuun waliin jireenya uummata biyyattii jabeessuu keessattis shoora olaanaa qabachuu eeruu isaanii ragaan Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.