Ayyaanni qillee Itiyoophiyaa dabalatee biyyoota garaagaraatti kabajame
Finfinnee, Mudde 30, 2018 (FMC) – Ayyaanni qillee Itiyoophiyaa dabalatee biyyoota addunyaa garaagaraatti taateewwan adda addaan guyyaa kaleessaa kabajameera.
Biyyoonni Addunyaa hordoftootni amantii Kiristaanaa, keessumaa ammoo Ortodoksonni itti baay’atan hedduun ayyaana dhalachuu Yeesuus Kiristoos guyyaa kaleessaa (January 7) kabajatu.
Biyyoonni kunniin garri caalaan isaanii warra lakkoofsa baraa Juuliyaanii fayyadaman akka ta’an ragaaleen maddeen adda addaa ni mul’isu.
Biyyoota kanneen keessaa muraasni :-
Itiyoophiyaa:- Itiyoophiyaan ayyaana Qillee(ayyaana dhaloota Yeesuus Kiristoos) Mudde 29 ykn January 7 kabajatti.
Eeritiraa:- kan Itiyoophiyaa wajjiin bifa walfakkatuun kabajama.
Raashaa:- Addunyaarratti amantoonni ayyaana kana guyyaa kaleessaa kabajatan hedduun biyya itti argamaniidha.
Ijipti:- Hordoftooti amantaa Ortodoksii Kooptikii hedduutu keessatti argama; kanaaf guyyaa kaleessaa kabajatu.
Sarbiyaa:- Mana amantaa Ortodoksii biyyattiin miidhaginaan kabajama.
Yuukireen:- Yeroo dhiyoo asi gara Mudde 16tti(December 25) jijjiiruuf sochiin jiraatus, uummanni biyyattii hedduun garuu guyyaa kaleessaa kabajata.
Beelaaruus:- Ayyaana uummataa guyyaa kaleessaa itti kabajamuudha.
Joorjiyaa:- Manni amantaa Ortodoksii biyyattii akkaataa lakkoofsa baraa Juuliyaaniitti guyyaa kana kabajatti.
Moonteenegroo fi Maqedooniyaa Kaabaa:- Biyyootni Baalkaanii kunniinis guyyaa kaleessaa guyyaa dhaloota Yeesuus Kiristoos jechuun kabajatu.
Israa’el:- bakkeewwan amantaa magaalaa Yeerusaalemitti sirnoota adda addaan kabajama.
Biyyoota hordoftooti amantaa Ortodoksii heddumminaan keessa jiraatan biroottis bifa walfakkaatuun kabajameera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.