Ayyaanni Saboota, sablamootaa fi Ummattootaa sirna federaalaa mirkaneessuuf gahee olaanaa qaba – Aganyahu Tashaagar
Finfinnee, Amajji 7, 2018 (FMC) – Ayyaanni Saboota, sablamootaa fi Ummattoota Itiyoophiyaa sirna federaalaa mirkaneessuuf gahee olaanaa qaba jedhan Afyaa’iin Mana Maree Federeeshinii obbo Aganyahu Tashaagar.
Kabajni guyyaa saboota, sablammootaa fi Ummattoota Itiyoophiyaa 20ffaan Naannoo Giddugaleessa Itiyoophiyaatti kabajame milkiin akka xumuramu qaamolee gahee qaban hundaaf sagantaan beekamtii kennuu fi gamaaggamni raawwii Magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.
Sagantichi saboonni fi sablammoonni sirnaan akka walbaran gumaacha olaanaa taasisuu eeran obbo Aganyahu Tashaagar waltajjicharratti haasawa taasisaniin.
Keessattuu guyyichi sirna Federaaliizimii bu’uura godhachuun akka kabajamu taasifamuun sirna Federaalaa mirkaneessuu keessatti qooda olaanaa bahachaa jiraachuu dubbatan.
Salamoon Bayyanaatiin.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.