Fana: At a Speed of Life!

Ayyaanonni Daamaraa, Masqalaafi Irreechaa haala gaariin akka kabajamaniif qophiin taasifameera

Finfinnee, Fulbaana 10, 2018 (FMC) – Ayyaanonni Damaraa, Masqalaafi Irreechaa haala gaariin akka kabajamaniif qophiin xumuramee gara hojiitti galameera jedhan Komishinarri Jeneraalaa Komishinii Poolisii Federaalaa Dammallaash Gabramikaa’el.

Bara kana jala bultii bara haaraa irraa eegalee taateewwan biyyaalessaafi idl-addunyaa hedduun olka’iinsa Itiyoophiyaa agarsiisan keessumeeffamaa jiraachuus ibsaniiru.

Yaa’iin Qabeenya Qilleensaa Afrikaa, Yaa’iin Afrikaa- Kaaribiyaanii, Sagantaan eebba Hidha Haaromsaa fi eebbifamuu Hidhichaa hordofee hiriironni deeggarsaa milkaa’inaan itti fufuu yaadachiisaniiru.

Kana keessatti gaheen poolisiifi dhaabbilee nageenyaa biroo olaanaa ta’uu eeraniiru.

Ayyaanota baatii kana keessa kabajaman keessaa Daamaraa Masqalaa fi Irreechi walitti aananii akka kabajaman eeranii, kanaafis qophiin ga’aan godhameera jedhan.

Ayyaanni Damaraa Masqalaa bakkeewwan biyyattii hundaatti ayyaana dirree irratti kabajamu yoo ta’u, ayyaanichi dudhaa amantumma isaa eegee akka kabajamuuf poolisiin qophii tekinooloojiin deggerame gochuu isaas beeksisaniiru.

Ambaa addunyaa ta’ee kan galmaa’e Damaraa Masqalaa irrratti argamuuf tuuristoota dhufan nageenyi isaanii eegamee yeroon turtii isaanii miidhagaa akka ta’uuf qophiin barbaachisu xumurameera jedhan.

Haaluma walfakkaatuun uummanni hedduun Finfinnee fi Bishooftuutti kan itti hirmaatu ayyaanni Irreechaa kara dudha isaa eegeen milkaa’inaan akka kabajamuuf poolisiin haala ga’aan qophaa’uus dubbatan.

Waltajjiiwwan uummataa fi biyyaalessaa gurguddoo magaalaa Finfinnee fi bakkeewwan biyyattii adda addaatti geggeeffaman haala ho’aa ta’een akka raawwatamaniif hawaasni qaamolee nageenyaa akka tumsus dhaamaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.