Fana: At a Speed of Life!

Baangilaadeeshitti Xiyyaarri waraanaa mana barnootaarratti kufe lubbuu namoota 19 galaafate

Finfinnee, Adoolessa 14, 2017 (FMC) – Baangilaadeesh dhiheenya magaalaa Daakaatti xiyyaarri waraanaa shaakalliirra ture mana barnootaarratti kufuun yoo xiqqaate namootni 19 yoo du’an160 ol ammoo madaa’an.

Humni qilleensaa biyyattii xiyyaarrisaa kufee caccabuu beeksise.

Lakkoofsi namoota balaa kanaan du’anii dabaluu akka danda’u tilmaamame.

Hogganaan yeroo Ce’umsaa Baangilaadeesh Muhaammad Yunus ka’umsa balaa kanaa qorachuuf tarkaanffiin barbaachisaa ta’e ni fudhatama jedhan.

Deeggarsa barbaachisaa ta’e akka godhanis himuu BBC fi Aljaziiraan gabaasaniiru.

Aanga’ootniifi hospitaalootni rakkoo kanaaf xiyyeeffannaa akka kennan waamicha godhan Muhaammad Yunus.

Kibxatni dhufu guyyaa gaddaa ta’ee akka labsamuu fi guutuu biyyattiitti alabaan gadi siiqee akka mirmiru ajajame.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.