Fana: At a Speed of Life!

Baankichi baatiiwwan jahan darbanitti karaa diijitaalaan Birrii tiriiliyoona 1 daddabarse

Finfinnee, Guraandhala 2, 2018 (FMC) – Baankiin Awaash baatiiwwan jahan darbanitti karaa diijitaalaan Birrii tiriiliyoona 1 daddabarseera jedhan Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Baankichaa obbo Tsahaay Shifarraan.

Baankichi mata duree “Ittiquufiinsa Maamiltootaaf ni carraaqna” jedhuun sagantaa kabaja torbee maamilootaa jalqabsiiseera.

Obbo Tsahaay Shifarraa wayita kana akka jedhanitti, Baankichi maamilootasaaf tajaajila dhaqqabamaafi si’ataa kennuuf teeknooloojii diijitaalaan deeggaramee hojjechaa jira.
Baankichi baatiiwwan ja’an darbanitti Birrii tiriiliyoonni 1 karaa diijitaalaan sochoosuus eeraniiru.

Baankichi waggoottan 31 darban keessatti tajaajila isaa babal’isuufi bakka hundatti dhaqqabamaa taasisuuf hojjechaa akka ture yaadachiisuun, yeroo ammaa kutaalee biyyattii keessatti dameewwan 1000 qabaachuu himan.

Hojii uumtota gara biizinasiitti galan oomishuuf akkasumas sosochii guddina diinagdee biyyaattiif shoora guddaa bahachaa jiraachuu ibsan.

Har’arraa eegalee torban tokkoof kan turu Sagantaan kabaja torbee maamilootaa kunis maamiloota kabajuufi galateeffachuuf kana malees kaka’umsa hojjettootaa dadammaqsuun kenna tajaajilaa fooyya’aa akka kennan taasisuuf ta’uu eeraniiru.

Asteer Geetaahuntu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.