Fana: At a Speed of Life!

Baankichi fi Daandiin Qilleensaa waliigaltee liiqii Birriii biiliyoona 27 mallatteessan

Finfinnee, Mudde 14, 2018 (FMC)- Baankiin Daldalaa Itiyoophiyaa fi Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa waliigaltee liiqii Birrii biiliyoona 27 mallatteessaniiru.

Sirna waliigalticharratti Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Garee Daandii Qilleensaa Obbo Masfin Xaasew haasawaa taasisaniin, Daandiin Qilleensaa sadarkaa idil addunyaatti bakka guddaa akka qabaatu taasisuu keessatti gaheen hojjeettootaa olaanaadha jedhan.

Daandiin qilleensichaa kanaan dura hojjettoota isaaf manneen kuma 1fi 200 ijaaruun dabarsee kennuu yaadachiisuun, wayita ammaa manneen kuma 5 ijaaraa jiraachuu dubbataniiru.

Ijaarsi manneen kana akka milkaa’uuf guyyaa har’aa Baankii Daldalaa Itiyoophiyaa wajjiin waliigaltee liiqii Birrii biiliyoona 27.8 mallatta’uun himaniiru.

Waliigaltichi tumsa dhaabbiilee lameenii waggottaniif ture caalmaatti kan guddisu ta’uun ibsameera.

Baankiin Daldalaa Itiyoophiyaa tajaajila liiqii waliin gahuuf hojjechaa jiraachuu Bakka Bu’aan Pireezidaantii Baankii Daldalaa Itiyoophiyaa himaniiru.

Waliigalteen mallatteeffame faayidaa damee hedduu qabaachuu eeruun, dhaabbileen lameen tarsimoo biyyaalessarratti tumsaan hojjechuu isaanii kan itti fufan ta’uu mirkaneessaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.