Fana: At a Speed of Life!

Baankichi Godina Harargee Bahaatti Birrii miiliyoona 30 oliin ijaarsa pirojektii bishaan dhugaatii eegalchiise

Finfinnee, Mudde 25, 2018 (FMC) – Baankiin Awaash Godina Harargee Bahaa Aanaa Jaarsootti rakkoo bishaan dhugaatii jiraattota magaalaa Ejeersa Gooroo furuuf Birrii miiliyoona 30 oliin ijaarsa pirojektii bishaan dhugaatii eegalchiiseera.

Baankichi Godina Harargee Bahaa magaalaa Ejeersa Goorootti damee isaa 1000ffaa hojii eegalchiiseera.

Saganticharratti kan argaman Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Baankii Awaash obbo Tsahaay Shifarraa baankichi waggoottan 31 darbe keessatti hawaasaatti dhiyaatee hojjataa turuu yaadachiisaniiru.

Baankichi bara kana gibira Birrii biiliyoona 10 ol kaffaluun diinagdee biyyaa keessatti qooda isaa bahachaa akka jirus ibsaniiru.
Hawaasni aadaa qusannaa gabbifachuun liqii argatee jiruufi jireenya isaa akka jijjiiruuf hojjechaa jiraachuus kaasaniiru.

Baankichi damee isaa 1000ffaa hojii eegalchiisuu sababeeffachuun godinicha Aanaa Jaarsootti rakkoo bishaan dhugaatii jiraattota magaalaa Ejeersa Gooroo furuuf Birrii miiliyoona 30 oliin ijaarsa pirojektii bishaan dhugaatii eegalchiiseera.

Dabalataan baankichi Dijitaal Paarkii Jaarsootiif kompiitataroota deeggareera.

Nageessoo Kadiirtu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.