Fana: At a Speed of Life!

Baankichi hawaasni daldalaa gabaa sharafa alaa idileen alaa akka hin fayyadame hubachiise

Finfinnee, Adoolessa 30, 2017(FMC) – Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Maammoo Mihiratuun hawaasni daldalaa gabaa sharafa alaa idileen alaa akka hin fayyadame hubachiisan.

Obbo Maammoo Mihiratuun sochii gabaa sharafa alaa ilaalchisee ibsa laataniin, Baankiin Biyyaalessaa Itiyoophiyaa akka barbaachisummaa isaatti caalbaasii sharafa alaa gaggeessuu kan itti fufu ta’uu ibsaniiru.

Kunis kuufamni of eegannoo sharafa alaa baankichaa kan bara darbee dacha sadiin waan dabaleef ta’uu eeran.

Dabalataanis haalli kun bara baajataa haaraattis itti fufuufi yaa’iinsiifi argannoon sharafa alaa baankii giddugaleessaa hanga eegameen ol waan guddateef ta’uu ibsaniiru.

Galii sharafa alaarraa gar-tokko caalbaasiin baankotaaf dhiyeessuun dhiyeessii sharafa alaa baankotaa guddisuurra darbee qaala’iinsa gatiifi sharafa alaa tasgabeessuu dandeessisa jedhan.

Caalbaasii sharafa alaa guyyaa kaleessaa gaggeeffamerratti baankonni 28 hirmaachuu, Doolaarri miiliyoonni 100 fi miiliyoonni 50 gurguramuufi baankonni caalbaasicharratti hirmaatan hundi Doolaara tokko giddugaleessaan Birrii 138 argachuu kaasaniiru.

Baankonni torban dhufurraa eegalee sharafa alaa gahaa maamiltoota isaaniif kan dhiyeessan ta’uu hubachiisaniiru.

Yeroo ammaa baankonni hundi ji’a ji’aan sharafa alaa Doolaara miiliyoona 500’tti tilmaamamu hawaasa daldalaaf kan dhiyeessan ta’uu kaasanii, hangi sharafa alaa damee dhuunfaaf dhiyaatu guddachaa jiraachuu yaadachiisan.

Imaltoonni alaa sharafa alaa barbaadan gara biirolee sharafa alaafi baankii daldalaa deemuun rakkoo tokko malee akka argatan hubachiisaniiru.

Hawaasni daldalaa sharafa alaaf sirna baankii idilee fayyadamuu akka qaban hubachiisuun, daldaltoonni sharafa seeraan alaa irratti bobba’an gochaa isaaniirraa akka of qusatan akeekkachiisaniiru.

Malaakuu Gaddifiin.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.