Fana: At a Speed of Life!

Baankichi kuufama maallaqaa waggoota 77 keessatti hin galmeessine bara baajataa tokkotti galmeesse

Finfinnee, Adoolessa 4, 2017 (FMC) –Baankiin Daldalaa Itiyoophiyaa bara baajataa 2017qofa Birrii biiliyoona 500 fi biiliyoona 15 ol walitti qabe jedhe

Baankichi erga hundeeffame waggoota 77 keessatti kuufama Birrii biiliyoona 500 qofa walitti qabe.

Akkasumas baankichi bara baajatichatti liiqii Birrii biiliyoona 400 fi biiliyoona 58 ol kennuus ibseera.

Kana keessaa %88 ol seekatroota dhuunfaaf liqeessuu ibse.

Kuufama bara baajataa darbe keessa walitti qabame keessaa, biiliyoonni 76.73 karaa tajaajila baankii dhala irraa bilisaa CBE NOOR kan walitti qabame yoo ta’u, kuufamni waliigalaa karaa tajaajila kanaan walitti qabame immoo Birrii biiliyoona 200 caaleera jedhe.

Baankiin Daldalaa Itiyoophiyaa birrii biiliyoona 9.1 ol karaa filannoo dijitaalaa, Birrii biiliyoona 5.8 karaa Teelee Birrii , Birrii biiliyoona 3.3 immoo karaa CBE Birr liqeessera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.