Fana: At a Speed of Life!

Baankichi lammiilee sababa sigiga lafaa fi lolaan miidhamaniif deeggarsa Birrii miiliyoona 10 taasise

Finfinnee, Bitootessa 21, 2018(FMC) – Baankiin Daldalaa Itiyoophiyaa Godina Gaamootti lammiilee sababa sigiga lafaa fi lolaan miidhamaniif deeggarsa Birrii miiliyoona 10 taasiseera.

Dameen baankichaa Walaayittaa Sooddoo Birrii miiliyoona 1, akkasuma Waldaan Hojjettoota Baankichaa Birrii kuma 500, waligala Birrii miiliyoona 11 fi kuma 500 deeggarsa taasiseera.

Baankiin Daldala Itiyoophiyaa Itti Gaafatamummaa Hawaasummaa isaa bahachuuf deeggarsa garaagaraa taasisuu itti fufa jedhan Daayrekterri Kominikeeshinii Baankii Daldalaa Itiyoophiyaa obbo Alsan Asaffaan.

Bulchaan Godina Gaamoo Dooktar Dammisee Admaasuun gama isaaniin, Baankiin Daldalaa Itiyoophiyaa erga balichi muudatee eegalee deeggarsa taasisaa jiru galateeffachuu Kominikeeshiniin Naannoo Kibba Itiyoophiyaa Faanaa Diijitaatti himeera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.