Baankiin Addunyaa ajandaa misoomaa Itiyoophiyaa guddisuuf deeggarsa faayinaansii fi teekinikaa taasisaa jira- Obbo Ahimad Shiidee
Finfinnee, Onkololeessa 13, 2018 (FMC) –Baankiin Addunyaa ajandaa misoomaa Itiyoophiyaa guddisuuf deeggarsa Faayinaansii fi Teekinikaa olaanaa taasisaa jira jedhan Ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shiideen.
Walga’ii Waggaa Dhaabbata Maallaqaa Addunyaa fi Baankii Addunyaa Waashingitanitti gaggeeffamaa jiru cinatti Obbo Ahimad Shiideen Daayrektera Bulchiinsa Dhimmoota Oppireeshinii Baankii Addunyaa Miis anaa Birjeerdi waliin mari’ataniiru.
Marii isaaniin, piroojektoota misoomaa, hojiilee riifoormii hojjetamaa jirani fi tooftaalee faayinaansii haaraan tumsa jiran cimsuuf mari’ataniiru.
Obbo Ahimad Shiideen Baankiin Addunyaa ajandaa misoomaa Itiyoophiyaa guddisuuf gahee olaanaa qabuuf beekamtii kennuun, deeggarsa faayinaansii fi teeknikaa taasisaa jiru dinqisiifataniiru.
Baankichi diinagdee Itiyoophiyaa ammayyeessuu, daandiilee guddina biroo uumuu, hirmaannaa damee dhuunfaa guddisuun carraa hojii uumuu fi sadarkaa jiruufi jireenyaa fooyyeessuuf gaheen qabu olaanaa ta’uu kaasaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.