Baankiin Awaash Ayyaana Qillee Sababeeffachuun harka qalleeyyiif deegarsa taasise
Finfinnee, Mudde 27, 2018 (FMC) – Baankiin Awaash Ayyaana Qillee bara 2018 Sababeeffachuun harka qalleeyyii kuma 5 oliif deeggarsa taasise.
Baankichi Birrii miiliyoona 50’n harka qalleeyyii kuma 5 oliif deeggarsa taasisuu isaa beeksiseera.
Haaluma kanaan Baankiin Awaash Damee Asallaa Ayyaanicha sababeeffachuun hawaasa harka qalleeyyiif deeggarsa taasise.
Baankichi tajaajila hawaasummaan ijaarsa manneen barnootaa, fayyaa fi pirojektoota garaagaraa Birrii miiliyoona 600 oliin ijaaraa turuu Daayrektarri Bakka Bu’aa Baankii Awaash Distiriiktii Adaamaa Obbo Anniisaa Dachaasaa dubbataniiru.
Akkasumas hojii kenna tajaajila lammummaatiin yeroo garaagaraatti namoota harka qalleeyyiif deeggarsa taasisaa turus himaniiru.
Baankichi Ayyaana Qillee bara kanaa Sababeeffachuun akka biyyaatti harka qalleeyyii kuma 5 oliif deeggarsa taasisuu eeruun,kunis Birrii miliyoona 50 tti kan shallagamu ta’uu dubbataniiru.
Abdallaa Amaantu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.