Fana: At a Speed of Life!

Baankiin Awaash Sharafa Alaa Doolara miiliyoona 100 fi miiliyoona 10 Maamiltootaaf qopheese

Finfinnee, Hagayya 1, 2017 (FMC)- Baankiin Awaash maamiltootaaf sharafa alaa Doolara miiliyoona 100 fi miiliyoona 10 qopheesseera jedhe.
Baankichi sharafa alaa baatii faranjootaa Hagayya guutuu Maamiltoota gaaffii dhiyeessaniif sharafa alaa qopheessuu ibseera.
Baankichi ibsa baaseen baatii faranjootaa Adoolessa 1- 31, 2025 tti maamiltoota gaaffii dhiyeessan heddu keessummeessera jedhe.
Baatii Adoolessaa qofa sharafa alaa Doolara miiliyoona 100 fi miiliyoona 25 maamiltootaaf dhiyeessuu yaadachiiseera.
Kuufamni sharafa alaa biyyattii fooyya’aa dhufuu isaan baankiin biyyaalessaa baankootaaf sharafa alaa gahaa dhiyeessuun dabalata galiin sharafa alaa baankootaa guddachaa dhufuu baankichi ibseera.
Haaluma kanaan Baankiin Awaash baatii Faranjootaa Hagayya waliigala Doolara miiliyoona 100 fi miiliyoona 10 maamiltootaaf qopheessuun keessummeessaa jiracahuu himeera.
Maamiltoonni baankichaa tajaajila sharafa alaa barbaadan galmaa’uun akkaataa qajeelfama Baankiin Biyyaalessaa kaa’een tajaajilicha argachuu danda’u jedheera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.