Baankiin biyyaalessaa Imaammata maallaqaa hojiirra oolchaa jiru itti fufsiisuun qaala’iinsa gatii tasgabbeessuuf gahee olaanaa qaba- Koricha
Finfinnee, Fulbaana 19, 2018 (FMC) – Baankiin biyyaalessaa Imaammata maallaqaa hojiirra oolchaa jiru itti fufsiisuun qaala’iinsa gatii tasgabbeessuuf gahee olaanaa qaba jedhe Koreen Imaammata Maallaqaa.
Korichi walga’iisaa 4ffaa gaggeesseera.
Korichi haala qaala’iinsaa, fiiziikaalaa, Diinagdee Alaa, dhiyeessii maallaqaa, haala damichaa waliigalaa, sosochii diinagdee waliigalaa, akkasumas haalawwan idil addunyaa diinagdee biyya keessarratti dhiibbaa uumuu malan ni gamaaggama.
Dhimmoota kanneen bu’uura taasiisuun imaammatawwan yeroo itti aanu hojiirra oolaanirratti yaada murtoo dhiyeessa.
Haaluma kanaan qaala’iinsa gatii waggaa hordofaa tureen dhuma baatii Hagayyaa 2017 qaala’iinsi gatii % 13.6 gahuu ibseera.
Imaammanni Maallaqaa Baankiin biyyaalessaa hojiirra oolche, oomishtummaan damee qonnaa dabaluun, tarkaanfiin mootummaan qaala’iinsa gatii tasgabbeessuuf fudhataa jiru har’ichuu qaala’iinsa gatiif sababoota jajjaboo ta’uu himeera.
Gatiin oomishaalee nyaataa xumura baatii Hagayyaa % 12.7 gahuu, meeshaaleen nyaataan alaa ammoo daballii kan agarsiise yoo ta’u, kan bara darbee yeroo walfakkaatuun yoo madaalame dabaluun % 15.1 gaheera.
Guddina Sosochii Diinagdee ilaalchisee guddinni diinagdee biyya keessaa caalmaatti cimee itti fufuu korichi gamaaggama taasiseen hubateera.
Daddabarsi maallaqa guddina olaanaa garsiisuu kaase.
Haaluma kanaan dhiyeessiin maallaqa sosochii diinagdee waliigalaa % 23.1, maallaqni Bu’uuraa % 70.7, liqaan biyya keessaa % 14 guddina agarsiisuu ibse.
Kuufamni maallaqa baankootaa waliigalaa xumura Baatii Waxabajjii 2017 % 5.4 dabaluu gamaaggama taasiseen eerera.
Bittaan Warqee fi kuufamni sharafa alaa baankii biyyaalessaa baluun guddina maallaqa bu’uuraaf sababa olaanaa ta’uu ibse.
Bittaa fi Gurgurtaan baankoota gidduutti Baatii Onkololeessaa bara 2017 eegalee guddina agarsiisuun xumura Baatii Hagayyaa bara 2017 Birrii biiliyoona 900 fi biiliyoona 45.1 gahuu hime korichi.
Diinagdeen damee alaas guddina jajjabeessaa agarsiisaa jiraachuu korichi gamaaggama isaan kaaseera.
Biyyattiitti qaala’iinsi gatii walitti fufiinsaan hir’achaa dhufuun jajjabeessaa haa ta’uyyuu malee ammas taanaan gama diijitii qeenxee eegamuun olaanaa ta’uu korichi hubateera.
Waan ta’eef baankichi imaammata maallaqaa fudhachaa jiru itti fufsiisuun qaala’iinsa gatii tasgabbeessuuf qooda olaanaa akka qabu ibseera.
Daangaan hanga liqaa waggaa baankilee irra kaa’ame ka’uun isaa akkaataa hammattoo imaammataa baankichi hordofuun sirrii ta’uu korichi kan hubatu ta’us, adeemsi isaa xiyyeeffannoo olaanaa fi haala of eeggannoon guuttameen ta’uu akka qabu waliigalteerra gahamuu koreen kun yaadachiiseera.
Kunis kan ta’eef miidhaa imaammanni maallaqaa gadhiisii ta’e geessisu ittisuufi sirna faayinaansii tasgabbaa’aan akka jiraatuuf ta’uu ibseera.
Gamaaggama kanarraa ka’uun korichi yaadota furmaataa armaan gadiitti eeraman boordiif dhiyeessuun murteessisuu eereera.
1ffaa. Tilmaamni Imaammata Baankii Biyyaalessaa sadarkaa amma irra jiru % 15’n akka turu, shallagni dhalaa Baankichi Tajaajila Herrega Kuufamaafi Tajaajila Liqaaf kaffalchiisu akkuma jiranitti akka turan, akkasumas hangi maallaqa of eeggannoo baankonni Baankii Biyyaalessaa kaa’an akkuma jirutti akka itti fufu murtaa’uu korichi beeksiseera.
2ffaa. Daangaan guddina liqaa baankotaa ka’uun ejjennoo imaammata maallaqaa Baankii Biyyaalessaa kan agarsiisuufi caasaa imaammata maallaqaa fooyyessuuf akka gargaaru itti amanamus, tasgabbii qaala’iinsa gatii yeroo ammaa mul’achaa jiru itti fufsiisuufi fayya qabeessummaa damee faayinaansii eegsisuuf baatii Fulbaanaa irratti mudachuu danda’a jedhamee kan tilmaamame baaxii guddina liqii baankotaa guutummaatti kaasuurra daangichi yeroof %18 irraa gara %24’tti akka guddatu murtaa’uu ibseera.
Korichi dhimma kana walga’ii isaa itti aanutti gamaaggamuun yaada furmaataa kan dhiyeessu ta’uus hubachiiseera.
3ffaa. Baankiin Biyyaalessaa qaala’iinsi gatii hanga barbaadamu akka ta’uuf akkaataa barbaachisummaa isaatti meeshaalee imaammata maallaqaa gabaarratti xiyyeeffatan qofa qofaanis ta’ee qindoominaan walitti fufiinsaan kan fayyadamu ta’uu korichi ibseera.
Meeshaaleen imaammata maallaqaa kunniin hanga shallaggii dhalaa, bittaafi gurgurtaa maallaqaa baankota waliin taasifamu, gabaa sharafa alaa, akkasumas hangi maallaqa of eeggannoo baankonni Baankii Biyyaalessaa kaa’an ta’uun eerameera.
Xumurarrattis walga’iin korichaa itti aanu baatii Muddee 2018 keessa akka gaggeeffamuuf murtaa’eera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.