Baankiin Daldalaa Itiyoophiyaa Qonnaan Bultootaaf tajaajila liiqii qonnaa kennuu eegale
Finfinnee, Mudde 9, 2018 (FMC)- Baankiin Daldalaa Itiyoophiyaa Qonnaan bultoota qabiyyee lafaa xiqqoo qabani fi Waldaalee xixixqaan gurmaa’aniif tajajaila liiqii qonnaa guyyaa har’aa eegalchiiseera.
Sagantaa eegalchisarratti Bakka Bu’aan Pireezidaantii Baankii Daldalaa Itiyoophiyaa fi hogganttoonni biroon argamaniiru.
Baankichi tajaajiloota haaraa hojiirra oolchuun tajaajila si’ataa fi amansiisaa kennaa jiraachuun ibsameera.
Tajaajila Faayinaansii dhaqqabamaa fi hirmaachiisaa ta’ee walin gahuuf caalmaatti xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuun eerameera.
Keessattuu damee qonnaaf tajaajila liiqii kennamu babal’isuu fi cimsuuf ni hojjetama.
Liiqiin tajaajila qonnaaf kennamu kun diinagdee baadiyyaa guddisuuf kan dandeessisuudha jedhame.
Tajaajilichaan kanneen lafa qonnaa qaban, kilaasteraan gurmaa’an, baankichatti baatii jaha ol kanneen qusatan, misooma midhaanii ,Kuduraalee fi Muduraalee, Annanii fi oomishaalee annanii irratti hirmaatan fayyadamoo ta’u.
Tajaajilli liiqichaa oomishaa midhaanii, maashina qonnaa, horsiisa beeyladaa, nagahee mana kuusaa fi pirojeektii faayinaansii kan jedhaman ta’uun eerameera.
Ministir Deetaan Ministeera Qonnaa Mallas akka jedhanitti, tajaajilli liiqichaa fayyadamummaa qonnaan bultootaa kan guddisuu fi oomishtummaa kan dabaluuudha .
Malaakuu Gaddifiin.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.