Baankiin Misoomaa Afrikaafi Korporeeshiniin Invastimantii Jarman damee dhuunfaa cimsuuf tumsaan hojjechuufi
Finfinnee, Caamsaa 13, 2017(FMC)- Baankiin Misoomaa Afrikaafi Korporeeshiniin Invastimantii Jarman damee dhuunfaa cimsuuf tumsaan akka hojjetan ibsan.
Hoggantoonni dhaabbilee lameenii marii Kootidiivaar magaalaa Abijaanitti mari’ataniin, Afrikaatti hirmaannaa damee dhuunfaa intarpiraayizoota xixiqqaafi giddugaleessaa, anniisaa haaromfamaa, bu’uuraalee misoomaa fi misooma indaastirii irratti bobba’an cimsuuf tumsaan kan hojjetan ta’uu mirkaneessaniiru.
Baankii Misoomaa Afrikaatti Pireezidaantii Itti aanaan Bu’uuraalee Misoomaafi Indaastiriyaalaayizeeshinii Salamoon Kuuwaayinoor, tumsi kun tattaaffii dameen dhuunfaa misoomaafi guddina Afrikaa keessatti qooda isaa akka bahataniif godhamu kan deeggaru ta’uu ibsaniiru.
Baankichi damee dhuunfaaf carraalee haaraa uumaa akka jiru ibsuun, kunis rakkoolee ardichaa furuun misooma waaraa mirkaneessuuf gargaara jechuu isaanii ragaan baankicharraa argame ni mul’isa.
Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Korporeeshinii Invastimantii Jarman Roolaand Siilar gamasaaniin, baankicha waliin tumsaan hojjechuun ardichatti carraalee diinagdee waaraa uumuu ni dandeenya jedhaniiru.
Miikiyaas Ayyalaan.