Baankiin Siinqee dhaabbata fayyadamummaa ummata Oromoo mirkaneessuuf hundaa’edha – Pireezidaanti Shimallis Abdiisaa
Finfinnee, Adoolessa 20, 2017 (FMC) -Baankiin Siinqee dhaabbata fayyadamummaa ummata Oromoo mirkaneessuuf hundaa’edha jedhan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan.
PireezidaantiShimallis Abdiisaan, guyyaa har’aa gamaagama raawwii hojjii waggaa Baankii Siinqee irratti argamuun, hojiiwwaan hawaasa, dinagdeefi deeggarsa misoomaa baankichaan hanga yoona hojjetamaa jiraniif beekamtii kennan.
Akkasumas, baankichi bara bajataa 2017 rawwii hojii olaanaafi bu’aa galmeesse dinqisiifachuun bara bajataa itti aanutti xiyyeeffannoo guddaan akka hojjetamuufi ergama hundeeffameef bu’uureffachuun bu’aa dachaa galmeessuu akka qabus dhaaman.
Baankiin Siinqee dhaabbata faayinaansii bu’aa galma isaa hangafaa taasisee hundaa’e utuu hin taane, fayyadamummaa ummata Oromoo mirkaneessuuf Baankii Imaammataa ta’ee kan hundaa’edha jedhan.
Ergamni baankichaas hawaasa baadiyyaaf sirna faayinaansii mijataa dhiyeessuudha.
Bankichi jijjiiramaa as warraaqsa dinagdee ummata Oromoo utubuuf kan hundaa’e yoota’u, hanga yoonaa gama tokkoon sharafa alaafi liqaa mijeessuun tiraakteroota, paampiiwwanifi kombaayinaroota galchuuf ummata deeggaraa kan jiruudha; gama birootiin qonnaan bultootaafi horsiisee bultootaaf liqii mijeessuun akka hojii invastimeentii keessatti hirmaataniif haala mijeessuu irratti argama. Kanaanis Baankiin Siinqee, baankii ummataa akka ta’ee kan mirkaneessaa jirufi warraaqsa dinagdee ummata Oromoo keessatti shoora ol’aanaa bahataa jechuu isaanii ragaan Waajjira Pireezidaantii naannoo Oromiyaarra argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.