Fana: At a Speed of Life!

Baankiin Siinqee Tajaajila ‘Pree paid Card’ ifoomse

Finfinnee, Fulbaana 6, 2018 (FMC) – Baankiin Siinqee dhaabbata ‘East Africa Mastercad’ fi ‘Primier Switch Solution’ (PSS) waliin waliigaltee hojii waggaa 5’f turu mallatteesseera.

Waliigaltichi Piroojektiiwwan adda addaa waliin hojjechuuf kan dandeessisu yoo ta’u, waliigalticha Pireezidaantii Baankii Siinqee Newaay Magarsaa, Pireezidaantii Itti Aanaa ‘East Africa Mastercard’ Shehryar Alii fi  Hojii gaggeessaa PSS Ammahaa Taaddasaatuu mallatteesse.

Pireezidaantii Baankii Siinqee Newaay Magarsaa wayita kana akka jedhanitti, Baankichi Waggoota sadan darban hojii milkaa’ina qabu hedduu hojjeteera.

Baankiin Siinqee filannoowwan dijitaalaa adda addaa dhaqqabummaa fi hammattummaa faayinaansii mirkaneessuuf dandeessisan babal’isuurratti ciminaan hojjechaa jiraachuu kaasan.

Tajaajila diijitaalaa si’aayina qabu maamiloota isaa biraan gahuurratti xiyyeeffannoon hojjetaa jira jedhan.

Asteer Geetahuuntu gabaase.

#Oromia#Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.