Baankonni meeshaalee filatamoo alaa galaniif gatii gumruukaa akka gatii agarsiistuutti fayyadamu- Baankii Biyyaalessaa
Finfinnee, Amajjii 17, 2018 (FMC) – Baankonni Amajjii 19, 2018 irraa eegalee meeshaalee filatamoo alaa galaniif gatii gumruukaa akka gatii agarsiistuutti fayyadamu jedhe Baankii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa.
Baankichi dhimmicha ilaalchisuun ibsa baaseen, baankonni meeshaalee filatamoo alaa galaniif sanada liqaas ta’e kaffaltii biroo wayita eeyyaman tilmaama gatii Komishinii Gumruukaa Itiyoophiyaa akka gatii agarsiistuutti fayyadamuu qabu jedhe.
Baankiin Biyyaalessaa Itiyoophiyaa qajeelfama sharafa alaa Adoolessa 2016 hojiirra oolche hordofee shallagni sharafa alaa biyyattii gabaan akka murtaa’u taasifamuu yaadachiiseera.
Qajeelfamichi baankonni maamiltoota isaanii waliin waliigaluun tilmaama gatii gurgurtaafi bittaa sharafa alaa murteessuu akka danda’an eeyyama jedhe.
Dabalataanis qajeelfamni gatii meeshaalee alaa galanii gadi aanaan baankonni itti fayyadamaa turan waan haqameef yeroo ammaa bu’uura qajeelfama sharafa alaa haaraan itti gaafatamummaa gatii meeshaalee alaa galanii sirrii ta’uu isaanii mirkaneessuu akka qaban hubachiiseera.
Haa ta’u malee gatiiwwan baankonni sanada liqaaf itti fayyadaman gatiiwwan Komishinii Gumuruukaa waliin wayita madaalaman garaagarummaa guddaa akka qaban baankichi hordoffii taasiseen mirkaneessuu eereera.
Garaagarummaa gatii kana sirreessuuf baankonni hundi Amajjii 19, 2018 irraa eegalee tilmaama gatii Komishinii Gumruukaa Itiyoophiyaa akka gatii agarsiistuutti kan fayyadaman ta’uu ibseera.
Kunis garaagarummaa gatii sirna baankiifi Komishinii Gumruukaa Itiyoophiyaa gidduu jiru maqsuu fi sirrummaa odeeffannoowwan sharafa alaa mirkaneessuuf akka dandeessisu ragaan Baankii Biyyaalessaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.