Fana: At a Speed of Life!

Baatii Ebla fi Caamsaa keessa hojiiwwan gurguddoo Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimadiin raawwataman

Finfinnee, Caamsaa 24, 2017 FMC) – Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad Baatii Ebla/Caamsaa 2017 keessa misooma dinagdeen, guddina teknooloojii,hariiroo idi-laddunyaan, misooma biyyaalessaan hojiiwwan ejjennoo biyya isaanii argisiisu raawwataniiru.

Hojiiwwan gurguddoon hojjataman walga’ii idilee 44ffaa Mana Maree Ministrootaan kan eegalame yoo ta’u, dhimmoonni biyyaalessaa ijoon durii kennamuufii qaburratti mari’atameera.

Eksipoon “Itiyoophiyaan Haa Oomishtuu 2017’’ itti fufuunis banameera.

Walitti fufiinsaan waggaa sadi’iif eksipoon geggeeffame kana irratti oomishtoonni mandhalee 288 oomishaalee damee oomishaa guddachaa jiruu dhiyeessaniiru
Ministirri Muummee Dooktar Abiy haasaa baniinsaan ce’umsa dinagdee xiyyeeffannaa guddaan kan kaasan yoo ta’u, biyyi dinagdee ammayyaa’een ala akka tasgabbaa’uu hindandeenye ibsaniiru.

Guddina dinagdee %12 bara kana eegamu dabalatee guddinni damichaan eegamu baasuun humna oomishaa sirnaan fayyadamuun dabaluu isaa fi galiin dabaluu dubbataniiru.

Mootummaan teknooloojii qonnaa fi agiro-piroosasingii ammayyeessuufi hojii kalaqa misoomsuuf dursa kennuu isaas kaasanii turan.

Dooktar Abiy Ahimad, damee misooma teknooloojii fi dijitaalaanis sagantaa “Hubannoo namtolchee Afrikaaf” jedhu irratti dubbii ijoo dubbataniiru.

Afrikaan karaa naamuusa eeggateen, guddina hubannoo namtolchee hirmaachisaa fi walitti fufaa karaa mataa isheen guddifachuuf carraa akka qabdu cimsanii kaasan.

Kanneen akka Inistiitiyuutii Hubannoo Namtolchee Itiyoophiyaa, sagantaa eenyummeessaa dijitaalaa fi sagantaa kooderoota miliyoona shanii akka fakkeenyaatti eeruun, qooda Itiyoophiyaan dhaloota beekumsa dijitaalaa gonfate ijaaruu keessatti qabdu ibsaniiru.

Itiyoophiyaan walakkeessa baatichaatti  yaa’ii ”ID4A Afrikaa” keessummeessuun Ministirri Muummeen Abiy Ahimad dandeettii beeksisuu sirna eenyummeessaa dijitaalaa faayidaa ibsaniiru.

Yeroo ammaa lammiilee miliyoona 15 ol kan hammaate Faayidaan, ammummarraa dameelee ijoo faayinaansii, fayyaa fi barnoota keessatti waljijjiirra dijitaalaa birrii tiriiliyoonaan lakkaa’amuuf haala miijesseera.

Teknooloojiin walqabatees gaaffii fi deebii  “ Tech Talk with Solomon” waliin geeggeessaniiru.

Ji’uma kana keessa guyyaa ayyaana biyyaalessaa Poolisii irrattis argamuun tumsa ittifufaa biyyoota ollaa waliin jiraachuu qabu ilaalchisee waamicha dhiyeessuun, ittigaafatamummaa poolisiin ollantummaa fi tokkummaa biyyaa eegsisuu keessatti qabu irra deebiin mirkaneessaniiru.

Dippilomaasiin idil addunyaa xiyyeeffannoo Baatii Caamsaa isa kan biraa ture.

Daawwnnaa hojii Paarisitti geggeessaniin pirezidaanti Emaanu’eel Maakroon waliin wal arguun raawwii waliigalteewwan gamlamee madaalqniiru.

Dhaabbilee teknooloojii garaagaraa daawwachuun, kalaqawwan hubannoo namtolcheen, nageenya saayibariifi telekoominikeeshiniin argaman ilaalaniiru.

Daawwannaan kun fedhii Itiyoophiyaan naannawichatti teknooloojiin dursuuf qabdu kan mirkaneesseef dha.

Kaateediraala  Nootirdaam haaromfames daawwachuun ejjennoo
Itiyoophiyaan hambaalee akka manneen amantaa Laalibalaa
haaromsuuf qabdu sirrii ta’uu mirkaneessaniiru.

Turtii Farnsaay boodas gara Room deemuun Ministira muummee Xaaliyaanii Ji’oorjiyaa Meelooniin simatamaniiru.
Hoggantoonni lamaan tumsa baroota dheeraaf biyyoota lamaan gidduu ture caalmaatti cimsuu fi carraawwan investimentii babal’isuuf karaalee itti danda’amu irratti mar’ataniiru.
Gara Itiyoophiyaatti erga deebi’anii boodas Inistiitiyuutii saayinsii Hawwaa fi Gi’oospaashaalii daawwataniiru.

Haala Odeeffannoon Ji’oosp[aashaalii fi itti fayyadamani tekinoolooii ammayyaa dhaabbaticha kessatti hojiirra oolaa jiru karoora biyyaalessaaf, tilmaama dursaa fi qophii balaaf itti fayyadu gamaaggamaniiru.

Daawwannaan kunis imaammata saayinsii bu’uureffatee fi hojii bulchiinsaa odeeffannoo irratti hunadaa’e hojjechuuf kutannoo mootummaan qabu kan mirkeneessee dha.

Ji’uma kana keessa Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad mareewwan dippiloomaasii adda addaa geggeesaniiru.

Ministira Dhimma Alaa Angoolaa fi Ergamaa addaa Pirezidaanti Ju’oowoo Looreenchoo Teetee Antooniyoon simataniiru.

Ministira Dhimma Alaa Isiraa’el Geediyoon Saar waliinis karaalee tumsawwan adda addaa itti cimsuun danda’amu irratti mari’ataniiru.

Ergaa Amiira Qaataar irraa ergames Ministira biyyattii Dooktar Mohaammad Biin Abdulaziiz irraa fudhatanniiru.

Walumaa galatti Ji’oota Eeblaa fi Caamsaa keessa Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad dameelee adda addaan hojiiwwan bal’aa kan itti hojjetan, tarkaanfilee biyya keessaa hiika guddaa qaban kan itti fudhatanii fi gama dijiitaalaa fi kalaqaan bu’aaleen kan itti galmaa’anii fi waltajiiwwan idila addunyaa irratti tumsi adda addaa kan itti cimfaman turan.

Hojiiwwan kunniin guudinaa fi hariiroo alaa Itiyoophiyaaf raawwii milkaa’oo kan turan ta’uu ragaan Waajiira Ministira Mummee irraa argame ni mul’isa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.