Fana: At a Speed of Life!

Baatii Ramadaanaa waliiyaaduu fi walgargaaruun dabarsuu qabna – Sheek Ibiraahiim Tufaa

Finfinnee, Guraandhala 9, 2018(FMC) – Baatii Ramadaanaa Guddicha walii yaaduu fi wal gargaaruun dabarsuu qabna jedhan Pirezidaantiin Mana Maree Dhimmoota Isilaamummaa Itiyoophiyaa Sheek Ibiraahiim Tufaan.

Baatii ramadaanaa ilaalchisuun ibsa kan kennan Sheek Ibiraahiim, hawaasa Musiliimaa maraan baga Baatii Ramadaanaa 1447ffaan nagaan isin ga’e jechuun hawwii gaarii dabarsaniiru.

Ramadaanni utubaawwan Isilaamummaa shanan keessaa tokko waan ta’eef, uummanni Musiliimaa hundi akka soomu Allaan ajajameera jedhan.

Ramadaanni baatii tokkummaa fi waliif yaaduu ta’uu ibsanii, yeroo dhiifamaa, gara laafummaafi walitti dhufeenya hawaasummaa waan ta’eef hordoftoonni amantichaa hojii gaarii akka raawwatan hibachiisaniiru.

Harka qalleeyyii gargaaruun, maaddii qooduun, waliif yaaduu fi Rabbiin kadhachuun dabarsuu akka barbaachisus dubbataniiru.

Walitti bu’iinsaa fi lola irraa fagaachuun, hafuuraan gufdachuunis kan jiraatu yoo nagaan jiraate waan ta’eef nagaa biyya keenyaa fi nageenya uummataaf kadhachuu qabna jedhan.

Soomni Ramadaanaa baatiin akka lakkoofsa Hijiraatti Kibxata shaa’ibaan 29 yoo mul’atte Roobii, yoo hin mul’anne ammoo Kamisa Guraandhala 12, 2018 kan eegalamu akka ta’es ibsameera.

Sa’aadaa Geetaachootu gabaase

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.