Fana: At a Speed of Life!

Baatiiwwan lamaan dhufanitti hammi roobaa idileen alaa ni eegama – Instiitiyuuticha

Finfinnee, Hagayya 1, 2017(FMC) – Baatiiwwan lamaan dhufanitti hammi roobaa idileen olii ni eegama jedhe Instiitiyuutiin Raaga Qileensaa Itiyoophiyaa.

Daayreekatarri Olaanaan Instiitiyuutichaa Faxxanaa Tashoomaa haala qileensaa baatiiwwan lamaan dhufan keessa jiraatu irratti ibsa kennaniiru.

Ibsa isaanii kanaanis roobni baatiiwwan lamaan darban keessa ture rooba idiileen jiraachuu maluu ol giddugaleessaan milii liitira 30 hanga 120 akka ture yaadachiisanii, yeroo walfakkaataa bara darbeen yoo madaalamu baay’ee guddaa ta’uu ibsaniiru.

Haala qileensaa kana bu’uureffachuun raaga qilleensaa geggeeffameen baatiiwwan lamaan dhufan keessa hammi roobaa idileen olii akka jiraatu daayirektarichi ibsa isaaniin eeraniiru.

Bakkeewwan qonna gannaan midhaan oomishanii fi rooba xiqqaa qabaniif haalli qileensaa kun carraa gaarii qabatee akka dhufus dubbataniiru.

Hidhawwan tajajjila jal’isii fi humna ibsaa maddisiisuuf oolan kuufamni bishaanii isaanii akka ol ka’u gochuu fi Sagantaa Ashaaraa Magariisaaf gumaacha guddaa akka qabaatus kaasaniiru.

Jiidhinni biyyee keessaa ol ka’uun fi ooyiruuwwan qonnaa irra bishaan ciisuun hojii qonnaa miidhuu akka danda’us ibsanii, lammiileen bakkeewwan haala kanaaf saaxilamoo ta’an jiraatan gorsa ogeeyyii qonnaa akka hojiirra oolchan hubachiisaniiru.

Wandimmuu Addunyaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok:
https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.