Fana: At a Speed of Life!

Baatiiwwan saglan darban oomishni qonnaa callaan kuntaalli biiliyoonni 1.2 walitti qabame

Finfinnee, Ebla 25, 2017 (FMC) – Baatiiwwan saglan darban keessaa oomishni misooma qonnaa callaa kuntaalli biiilyoonni 1.2 walitti qabamuu Ministeerri Qonnaa beeksise.

Ministeerichi raawwii karoora hojii baatiiwwan saglan darbanii gamaaggamaa jira.

Bara oomishaa kana lafa hektaara miiliyoona 31.6 sanyiin uwwifamerraa callaa kuntaalli biiliyoona 1.4 walitti qabuuf karoorfamee baatiwwan saglan darban keessa kuntaalli biiliyoonni 1.2 walitti qabamuu Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amanteen himaniiru.

Bunni Tooniin miiliyoonni 1.1 oomishamuu eeruun, kutaalli miiliyoonni 300 gabaa alaaf dhiyaachuun galiin Doolaarrii biiliyoonni 1.5 argamuu Dooktar Girmaan dubbataniiru.

Hanga ammaatti Qamadiin Jallisii Boneen misoome kuntaallii miiliyoonni 300 walitti qabamuus kaasaniiru.

Ammas walitti qabamaa jiraachuu eeraniiru.

Yisimaaw Adaraawutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.