Baatiiwwan salgan darban lammiileen miiliyoonni 9 ol Finfinnee daawwachuun ibsame
Finfinnee, Caamsaa 10, 2017 (FMC) – Xiyyeeffannoo mootummaan damee tuurizimiif kenneen waggoota muraasa keessatti jijjiiramni hedduun galmaa’uu Biiroon Aadaa, Ogummaafi Tuurizimii Magaalaa Finfinnee ibse.
Hojiileen piroojektoota bakka gahumsa tuurizimii magaalichaa giddugala tuurizimii konfiransii ishee taasisuu biirichatti Daayrektarri Misooma Bakka Gahumsa Tuurizimiifi Tuurizimii Biyya Keessaa Saamsoon Ayinaachawu ibsaniiru.
Daayrektarichi turtii Poodkaastii Faanaa waliin taasisaniin, baatiiwwan salgan darbanitti yaa’iiwwan idil-addunyaafi ardii 84 Finfinneetti gaggeeffamuu yaadachiisuun, kanaaf ammo giddugaloonni walga’ii gurguddoon magaalichatti ijaaraman gahee olaanaa bahachuu kaasaniiru.
Tuurizimiin konfiransii magaalichatti lammiilee hedduuf carraa hojii uumuufi sharafa alaa argamsiisuurra darbee hirmaattonni biyyoota alaa hawwata tuurizimii magaalichaa daawwachuun warreen kaanitti akka beeksisan carraa uumuu eeraniiru.
Daawwattoonni biyyoota alaa yeroo turtii isaanii akka dheeressaniif hojiin bakkeewwan hawwata tuurizimii walitti hidhuu hojjetamaa jiraachuu ibsuun, ogeeyyii dhaabbilee damee kanarratti bobba’aniif leenjiin kennamaa jiraachuus dubbataniiru.
Daawwattoota biyya keessaa guddisuuf mootummaan xiyyeeffannoo addaa kennuus himaniiru.
Baatiiwwan salgan darban lammiileen miiliyoonni 9 fi kumni 300 ol Finfinnee daawwachuufi hojiin bakkeewwan tuurizimii beeksisuu hojjetamuu ibsaniiru.
Admaasuu Arraagaawuun.