Fana: At a Speed of Life!

Baatiiwwan salgan darbanitti hojiileen jiruu fi jireenya hawaasaa jijjiiran hojjetamaniiru – Obbo Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Ebla 14, 2017(FMC) – Raawwiin hojii Mootummaa fi Paartii Naannoo Oromiyaa kan baatii sagalii bara 2017  Magaalaa Adaamaatti qoratamuu eegaleera.

‎Baatiiwwan salagan darbanitti hojiileen jiruu fi jireenya hawaasaa jijjiiran hojjetamuu Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa waltajjicha wayita jalqabsiisan dubbataniiru.

‎Waltajjii qorannoo kana irratti dhimmoonni milkaa’anii fi hanqinoonni mudatan maddeen isaanii waliin qoratamanii, kallattiin hojii gara fuula duraa kan kaa’amu ta’uunis ibsameera.

Raawwii karoorichaa keessatti garaagarummaan mu’latus furamuu akka qabu obbo Shimallis hubachiisaniiru.

‎Jiijjiiramoota akka biyyaa fi naannootti dhufuu qaban irratti bilchinaan mari’achuun kurmaana hafe keessatti haala guutummaatti raawwatamuu danda’u irratti mar’achuun murteessaa ta’uus dhaamaniiru.

‎Hooggansi   sadarkaan jiru  gaaffii uummataa deebisuun biyya ceete ijaaruuf waan fayyaduuf kutannoon hojjechuun murteessaa ta’uuf obbo Shimallis hubachiisaniiru.

Qormaatilee  hojii keessatti  muudataa jiran injifachuun egeree dhalootaa itti fufsiisuun murteessaa ta’uun hubatamuu akka qabus eeranii jiru.

Hojiiwwan hojjetamanii milkaa’anitti gammadanii dhaabachuun galma qabame milkeessuu keessatti gufuu ta’uu waan maluuf caalmaatti hojjechuun murteessaa ta’uus himaniiru.

Gamaaggamni kun guyyoota lamaaf kan turu akka ta’e beekameera.

Baahiluu Baaneetu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.