Baatiwwan saglan darban maamiltoonni haaraan kumni 300 fi kumni 56 ol fayyadamoo Tajaajila Elektirikaa ta’uun ibsame
Finfinnee, Ebla 16, 2017 (FMC) –Hoggantoonni olaanoon Tajaajila Elektirikaa Itiyoophiyaa raawwii hojii baatiwwan saglan darbanii gamaaggamaa jiru.
Bara baajataan 2017 baatiwwan saglan darban keessa maamiltoonni haaraan kumni 300 fi kumni 56 ol fayyadamoo Tajaajila Humna Elektirikaa ta’uu gamaaggamichaan ibsameera.
Kunis kan bara darbee yeroo walfakkaatuun yoo madaalame % 20 caalmaa qabaachuu eerameera.
Baatiwwan saglan darban keessa hojiin sararoota daddabarsan Humna Elektirikaa babal’isuu Kiiloo Meetirri kuma 15 fi 295 raawwatamuu fi akkasumas Tiraanisfoormaroonni haaraan kumni 3 fi 42 dhaabbachuu himeera.
Waliigalaan lakkoofsi maamiltootaa dhaabbatichaa miiliyoona 5 fi kuma 81 caaluu ragaan tajaajilicharraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia