Fana: At a Speed of Life!

Baatiwwan shanan darban Oomishaalee alatti ergamanirraa galiin Doolaarri miiliyoonni 300 fi miiliyoonni 55 argame – BIIO

Finfinnee, Mudde 11, 2018 (FMC) – Baatiwwan shanan darban keessa damee Manufakcharingiin oomishaalee biyya keessatti oomishamanii alatti ergamanirrii galiin Doolaarri miiliyoonni 300 fi miiliyoona 55 ol argame jedhe Biiroon Invastimantii fi Indaastirii Oromiyaa.

Jijjiiramaa as oomishaalee alaa galaa turan biyya keessatti oomishuun alatti erguuf bifa addaan hojjetamaa jiraachuu Biiroo Invastimantii fi Indaastirii Oromiyaatti Daayrekterri hordoffii, deeggarsaa fi To’annoo Manufakcharingii Injiinaar Boontuu Tashoomaan Faanaa Diijitaaliitti himaniiru.

Oromiyaatti yeroo ammaa Warshaaleen 96 ol oomishaalee al ergiirratti xiyyeeffachuun oomishaa jiraachuu eeran.

Kunis sharafa alaa sadarkaa olaanaan argamsiisuun guddina diinagdee biyyaa keessatti shoora guddaa bahachaa akka jiru kaasan Injiinar Boontuun.

Mootummaan abbootii qabeenyaa biyya keessaa fi alaa damee Manufakcharingiirratti bobba’aniif deeggarsa addaa taasisaa jiraachuu eeran.

Oomishaaleen al ergii biyya keessatti oomishamaa jiran kunneen gabaa idil addunyaarratti dorgomaa akka ta’aniif to’annoo fi hordoffii cimaan sadarkaa federaalaa hanga gadiitti bifa addaan taasiifamaa akka jiru ibsan.

Sababa kanaan oomishaaleen Itiyoophiyaa keessatti oomishaman gabaa addunyaarratti jaalatamaa dhufuu eeran.

Waliigalaan baatiwwan shanan darban keessa damee Manufakcharingiin oomishaalee biyya keessatti oomishamanii alatti ergamanirraa galiin Doolaarri miiliyoonni 300 fi miiliyoona 55 argamuu dubbatan Injiinar Boontuun.

Oomishaaleen Mukaa, Huccuu, nyaataa, Qonnaa fi bu’aaleen isaanii kanneen hedduminaan gabaa alaaf dhiyaatan ta’uu eeran.

Siifan Magarsaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.