Baatiwwan shanan darban Oomishaalee bakka bu’oon sharafa alaa Doolaara miiliyoona 800 hambisuun danda’ame – BIIO
Finfinnee, Mudde 10, 2018 (FMC) – Baatiwwan shanan darban keessa damee Manufakcharingiin oomishaalee bakka bu’oo biyya keessatti oomishamaniin Doolaara miiliyoona 800 fi miiliyoona 56 ol alatti ba’uuf ture himbisuun danda’ame jedhe Biiroon Invastimantii fi Indaastirii Oromiyaa.
Jijjiiramaa as oomishaalee alaa galan kan biyya keessaan bakka buusuuf bifa addaan hojjetamaa jiraachuu Biiroo Invastimantii fi Indaastirii Oromiyaatti Daayrekterri hordoffii, deeggarsaa fi To’annoo Manufakcharingii Injiinaar Boontuu Tashoomaan Faanaa Diijitaaliitti himaniiru.
Oomishaalee kana dura sharafa alaan gara biyyaa keessaa gala turan 93 adda baasuun biyya keessatti akka oomishaman hojii hojjetamaa jiruun bu’aa gaariin argamuu dubbatan.
Oromiyaatti yeroo ammaa Warshaaleen 161 ol oomishaalee bakka bu’oo oomishaa jiraachuu eeran.
Kunis sharafa alaa hambisuurratti akka biyyaatti gumaacha olaanaa bahachuu kaasan Injiinar Boontuun.
Keessattuu abbootii qabeenyaa damee Manufakcharingiirratti bobba’aniif mootummaan deeggarsa addaa taasisaa jiraachuu dubbatan.
Mootummaan naannoo Oromiyaan Indaastiriiwwan kunneen humna guutuun akka hojjetan deeggarsa barbaachisu hunda gochuu dabalatee facaatiin indaastirii giddugaleessatti qofa deeggeffamee ture gara godinaalee fi aanaaleetti gadi bu’uun bakka sirriitti akka hojjetan xiyyeeffannoo addaan hojjechaa jira jedhan.
Oomishaaleen al ergii fi bakka bu’oon qixa xiyyeeffannoo argachuun qulqullina olaanaan biyya keessatti oomishamanii gabaa biyya keessaa fi alaaf dhiyaachaa akka jiran himan.
Oomishaaleen kunneen meeshaalee dheedhii biyya keessaarra biyyuma keessatti guutummaatti kan oomishaman ta’uu eeran.
Siifan Magarsaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.