Baatiwwan torban darban daldala alaarraa galiin Doolaarri biiliyoonni 5.91cargame – Dooktar Kaasahuun Goofee
Finfinnee, Guraandhala 28, 2018 (FMC) – Baatiwwan torban darban daldala alaarraa galiin Doolaarri biiliyoonni 5.91cargame jedhan Ministirri Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Dooktar Kaasahuun Goofeen.
Dooktar Kaasahuun Goofeen raawwii hanga ammaa fi kallattii yeroo itti aanuu daldala alaa bara 2018 ilaalchisee ergitoota waliin mari’ataniiru.
Ergitoonni oomisha yeroon gabaaf dhiyeessuu akka qaban hubachiisan Dooktar Kaasahuun Goofeen.
Bara baajataa kana daldala alaarraa galiin Doolaarri biiliyoonni 5.91 argamuu ibsan.
Galiin argame kan bara darbee yeroo walfakkaatuun yoo madaalame % 65 daballii qabaachuu kaasan.
Yeroo itti aanu oomishaalee Itiyoophiyaa gabaa addunyaarratti haalaan beeksisuuf ni hojjetama jedhan.
Malaakuu Gaddifti gabaase
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.