Badhaadhinni biyyaatiin barbaaddu akka dhugoomuuf nageenya waareessuun barbaachiisaadha- obbo Mahaammad Idiriis
Finfinnee, Hagayya 3, 2017 (FMC)- Badhaadhinni biyyaatiin barbaaddu akka dhugoomuuf nageenya waareessuun barbaachiisaadha jedhan Ministirri Ministeera Nageenyaa obbo Mahaammad Idiriis.
Ministeerri Nageenyaa kutaalee biyyaattii garaagaraarratti rakkooleen mudatan gara walitti bu’iinsaatti osoo hin ce’in hambsuu akkaataa dandeessisurratti waltajjii marii Magaalaa Adamaattii gaggeessaa jira.
Waltajjicharratti obbo Mahaammad akka jedhanitti, nageenya Itiyoophiyaa waareessuun ittigaafatama lammiilee hundaati.
kutaalee biyyaatii garaagaraatti nageenyi akka mirkanaa’u taasisuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu ibsuun, nageenya waaraa kan mirknaa’uufi i misoomni kan itti fufu qaamooleen nageenyaa fi qooda fudhattoonni wayita waloon hojjetani jedhan.
Badhaadhinni biyyaatiin yaadu akka dhugoomuuf hojiilee nageenya waareessuu danda’anirratti xiyyeeffannaan hojjechuu akka ta’ee kaasaniiru.
Waltajjichi ijaarsa nageenya biyyaalessaa keessatti akkaataa walitti bu’iinsi furamuu fi ijaarsa biyyaarratti hubannoo guutuu qabaachuun misooma saffisisuuf kan dandeesisu iftoominaa fi qophaa’ummaa hogganasaa ijaaruuf kan kayyeeffate ta’uu himaniiru.
Haayimaanoot Wadiyiraaditu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok:https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.