Badiin biyyoota addunyaa buufata hin qabne irratti hin raawwatamne Itiyoophiyaarratti raawwatame- Dooktar Abiy Ahimad
Finfinnee, Caamsaa 30, 2017(FMC) – Badiin biyyoota addunyaa buufata hin qabne irratti hin raawwatamne Itiyoophiyaarratti raawwatameera jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad gaaffii fi deebii isa xumuraafi kutaa 4ffaan karaa Itiyoophiyaan itti ulaa galaanaa dhabde akka isaan gaabbisiisu ibsaniiru.
Itiyoophiyaan waggoottan 30 darbaniif ulaa galaanaa dhabuu yaadachiisanii, gama Kanaan badiin biyyoota addunyaa buufata hin qabne irratti hin raawwatamne Itiyoophiyaarratti raawwatamuu kaasaniiru.
Yaada Itiyoophiyaan ulaa galaanaa argachuu qabdi jedhu ministira muummee osoo hin ta’iin dura kaasaa akka turan eeruun, dhimmichi ajandaa yeroo dhihoo akka hin taane hubachiisaniiru.
Itiyoophiyaan ulaa galaanaa dhabuusheen miidhaa guddaan irra gahuu, qaama kamiinuu osoo hin miidhiin miidhaa Itiyoophiyaarra gahe hir’isuu qabna jedhan.
Gaaffiin ulaa galaanaa argachuu Itiyoophiyaa dhimmi furmaata hatattamaa barbaadu ta’uus ibsaniiru.
Gaaffiin ulaa galaanaa argachuu ishee mariifi seeraan deebii akka argatuuf tattaaffiin taasiftu cimee kan itti fufu ta’uu hubachiisaniiru.
Malaakuu Gadifiin.