Fana: At a Speed of Life!

Bahiirdaar tattaaffii cimaa hoggansaa fi jiraattoota isheen naatoo addaa goonfachaa jirti – Obbo Tamasgeen Xurunaa

Finfinnee, Fulbaana, 26, 2018 (FMC) -Magaalaan Bahiirdaar tattaaffii cimaa hoggansaa fi jiraattoota isheen naatoo addaa goonfachaa jirti jedhan Ministirri Muummee Itti aanaan obbo Tamasgeen Xurunaan.

Magaalaan Bahiirdaar hojiilee misoomaa hojjetamaniin akka abaaboo Birraa daraaruu agarreerra jedhan.

Tattaaffiin hoggansaa fi jiraattootaa teessuma lafa ishee fi qabeenya bishaanii isheen dabaalamee faaya addaa ishee goonfachiisaa jiraachuu dubbatan.

Riqichi guddichi abbayyaa fi hojiileen misooma koriidarii hojjetaman hawwata Tuurizimii olaanaa ta’uu daawwannaa magaalichaatti taasifneen hubanneera jedhan.

Iddooleen bashannanaa, Misoomni Koriidarii fi hojiileen biroo kalaqaan deeggaramuun hojjetamaa jiran magaalichaaf naatoo dabalataa ta’uu obbo Tamasgeen Xurunaan fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.