Fana: At a Speed of Life!

Bakka buutoonni dhaabbilee fi Waldaaleen ajandaa garee isaanii hirmaattoota waliigalaaf dhiyeessan

Finfinnee, Caamsaa 23, 2017 (FMC) – Bakka buutoonni dhaabbilee fi Waldaalee boqonnaa marii ajandaa walitti qabuun ajandaa garee isaanii hirmaattoota waliigalaaf dhiyeessaniiru.

Ajandaaleen dhiyaatan karaa bakka buutoota garee 7 irraa filatamaniin dhimmoonni ijoo ta’an adda bahuun bifa tokkoon qophaa’eera.

Oolmaa har’aa waaree boodaatiin ajandaan tokkoon tokkoo garee walitti qabdoota gareewwaniitin hirmaattoota hundaaf dhiyaateera.

Ajandaawwan bal’inaan dhiyaatan bakka bu’oota 14 gareewwan torban keessaa filatamaniin kan qindaa’an yoo ta’u, kanneen baay’ee murteessoo ta’an sanada tokkotti kan gurmaa’an ta’a.

Guyyaa boruu ajandaaleen qindaa’an hirmaattotaaf erga dhiyaatanii booda waltajjiin ajandaa marii walitti qabuu dhaabbilee fi waldaalee federaalaa ni xumurama.

Yisimaaw Adaraawutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.